القسم السابع: الجهاد والشهادة والغنائم
Kutaa Torbaffaa: Jihaad, Wareegamummaa fi Boojuu
قال رسول الله ﷺ «ارْجِعْ إِلَى أَبَوَيْكَ فَاسْتَأْذِنْهُمَا، فَإِنْ أَذِنَا لَكَ فَجَاهِدْ، وإِلَّا فَبِرَّهُمَا».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Gara abbaa fi haadha kee deebi'iitii eeyyama isaanii gaafadhu. Yoo isaan siif hayyamaniif, jihaad godhi. Yoo isaan siif hin hayyamin immoo, isaan lamaan tola ooli."
قال رسول الله ﷺ «الْمُجَاهِدُ مَنْ جَاهَدَ نَفْسَهُ فِي الله عَزَّ وَجَلَّ».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Mujahidni nama lubbuu isaa Rabbii guddaa fi kabajamaa keessatti qabsaa'eedha."
قال رسول الله ﷺ «سَتُفْتَحُ عَلَيْكُمْ أَرَضُونَ، وَيَكْفِيكُمُ اللهُ فَلَا يَعْجِزُ أَحَدُكُمْ أَنْ يَلْهُوَ بِأَسْهُمِهِ».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Biyyoonni isiniif banamuu jiru. Rabbiinis isiniif gahaadha. Kanaaf, tokkoon keessan xiyya isaa leenjisuu irraa hin dadhabin."
قال رسول الله ﷺ «عَلِّمُوا أَبْنَاءَكُمُ السِّبَاحَةَ والرِّمَايَةَ».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Ilmaan keessan daakuu fi xiyya dhahuu barsiisaa."
قال رسول الله ﷺ «لَا يَجْتَمِعُ غُبَارٌ فِي سَبِيلِ اللَّهِ عَزَّ وَجَلَّ وَدُخَانُ جَهَنَّمَ فِي مَنْخِرَيْ مُسْلِمٍ أَبَدًا».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Dhukkeen karaa Rabbii guddaa fi kabajamaa keessatti ka'e fi aariin Jahannam funyaan Muslimaa keessatti gonkumaa wal hin qabatu."
قال رسول الله ﷺ «وَأَعِدُّوا لَهُم مَّا اسْتَطَعْتُم مِّن قُوَّةٍ، قَالَ: أَلَا إِنَّ الْقُوَّةَ الرَّمْيُ، أَلَا إِنَّ الْقُوَّةَ الرَّمْيُ، أَلَا إِنَّ الْقُوَّةَ الرَّمْيُ».
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Humna irraa waan dandeessan hunda isaaniif qopheessaa." Ergamaan Rabbii ﷺ itti fufanii akkana jedhan: "Dhaga'aa! Dhugumatti humni xiyya dhahuudha. Dhaga'aa! Dhugumatti humni humni xiyya dhahuudha. Dhaga'aa! Dhugumatti humni xiyya dhahuudha."
«نَهَى النَّبِيُّ ﷺ عَنْ قَتْلِ النِّسَاءِ وَالصَّبْيَانِ».
Ergamaan Rabbii ﷺ dubartootaa fi daa'imman ajjeesuu irraa dhoorgan.